Saturday, October 25, 2025

TAADDEE BIRRUU - ELEMO QILXU - HUNDEE




 Taaddee Birruu warreegamuu obboleeyyan isaa Elemoo fi Hundee argees, "Erga isaan darbanii anis abadan loleen falmee dhiiga isaanii bilisummaan baasa" jechuun, qabsoo Elemoo Fi Hundeen Warreegamaniif San Carcarirraa gara Shawaa, iddoo mootummaa jidfu galeessatti dhihoo taatetti geeddaree qabsaa'uuf, mana hidhaa galamsootii miliqee gara Shawaa Kaabaa dhaquun , boosona cillimmoo ti sochii itti fufe. Garuu maal godha osoo hedduu hin turin harka mootummaa seenee, innis fannifamee wareegame.


Ahmadtaqiin qabsaawaa miseensa Waraana Bilisummaa Oromoo warra jalqabaa keessa tokko tahu isaa qofa osoo hin tahin, Qabsoo Bilisummaa Oromoo Bifa Haarawatti Biyya Keessaa Xirrooti jalqabamte warreegamaa Jalqabaa Qabsoo Falma Mirga Oromoo tahun, Seenaa Oromoo Keessatti halluu Meetaatiin ifgalmeessuu kan dandayye ilma Oromoo, Kan Akka Hacaaluuti Saba Oromoo Hundaaf Qaalii Tahee Dha.


🌹#Jaalala_Hundee_Elemoo_Fi_Taadee_Birru


Jaalalti Taaddee Birruu, Elemoo Qilxuu fi Hundee Dhaabaa Ummata Isaaniitiif Qaban, Jaalalti Bilisummaaf Qaban, Jaalalti isaan hindu waliif qaban, Dhugumatti Jaalala dhugaa ti. Taaddeen Kan Dhalatee Guddate, Shawaa Kaabaa, Salaaletti, Elemoon Kan Dhalatee Guddate Hararghee Bahaa, Ona Oromoo Alaa, Magaalaa Qarsaa ti. Hundeen Kan dhalatee Guddate Hararghee Lixaa Ona Ituu keessa, Ona warra Qaalluu Galamsotti. Inni tokko Salaalee dha. Inni tokko 12n Alaa Warra Meettaati. Inni tokko kurnan Ituu, Warra Qaalluu ti. Ee gootota kana Amantiin walitti hin fidne, Amantiin walitti hin hiine, Gosummaan walittu hin guduunfinee, Gandummaan isaan waliif hin qaadhimne, Oromummaa fi Oromummaa qofaatu walitti isaan firoomse. Roorroo gabrummaatu jireenya tuujjaarummaa Gabrummaa keessaa isaan jibbisiistee,  du'a irra filachiiste. Irbuun isaan waliif seenan, Irbuu wal duubaa garagalanii diiguu hin qabne, tan wal ganuu hin beeyne turte.  kaayyoo tokkoof bahanii, Kaayyoo tokkoof du'anii, guyyaa walfakkaatu keessatti lubbuun darbuu filatan. Jaalala Dhugaa tan hanga lubbuu ofii Sabaaf wajii Kennuu, Tan Hanga Lubbuu ofii Waliif Dabarsanii Kennuu Nama barsiistu turte Jaalalti Isaanii.


Duuba Anis barruu kiyya kana kaniin xumuuruun wallee baandiin Carcar, Darakuu bara 1992 gootota kanaaf Wallisanii, gaafa san ittiin yaadatan isin afeeruuni. 

      Akkas jatti:-  

Dammaqaa Oromoo Dammaqaa mee.

Warran Diina Tahu lakkissaa mee!

Numalee namayyuu Bilisoomee....


Ilmaan Oromoo Kan Nafxanyaan Fixxe Xirroodhatti. 

ka akka Taaddassaa Birruu 

Hundeef Elemoo Qilxuu ti.

Dhiigni isaanii dhiigaan dabaalamee.

Dirreetti bahuuf taa'aa kafalamee.....jadha. 


Gara biraatiin Gameessi namaa, Artist 

🌹#Adam_Haarun, 


"#Goottan Gootarra Dhiiraa

#Elemoof Hundee Jiraa

#Laala Galmee Seenaarra..." jechuun,  ilmaan Oromoo qaqaaliiwwan kana ittiin yaadatee, yaadachiissee jira. Haa galatoomu. 


Kanaafuu, Ati Kan lubbuun Jirtu, Jaalalaa fi Hiikaa Oromummaa gootoota kaneen jiddutti,  Askeessatti ilaaladhu, hubadhu!. 


Dhumarratti;-

🌹#Hundee_Dhaabaa_Fi_Dagatamuu_Isaa


G/r Taaddassaa Birruu, Elemoo Qilxuu, Waqoo Guutuu, Haaji Adam Saadoo, Maammoo Mazzamir fi goototni kkf hundi Siidaan Gootummaa isaanii yaadachiissuu tolfameefi jira, tolfamaafii jira. Kun baayyee waan nu gammachiissuu fi Tahuu qabuu dha. . Haa Tahuu Malee, Kan Hundee Dhaabaa Kun Garuu maaliif Dagatame!. Akka Waan Sabaaf Hin tahinii, irbuu ganuu hin qabne seenee inni saba isaatiif warreegamee dabre, duuba maalif Ganamee Hundeen?.  Maaf Kan isaa kana Namni Maqaa Kaasu Dhabame?. Isaan sadeenu kaayyoo tokkoof adda durummaan wajjiin Dhaabbatanii, Wajjiin Warreegamanii, Wajjiin sabaaf fakkeenya tahanii hanga ammaa maqaan isaanii wajiin kaafamaa jira. Yaa sabaa Kan Hundee Kun Maaf Akkas Tahe garuu?. namuu Walgaafadadhaa!!. 


 #Jannatul_furdoowsiin_Keessan_Haa_Tahu. 

Galatoomaa!!.

Hararghe old picture

 



TAADDEE BIRRUU - ELEMO QILXU - HUNDEE

 Taaddee Birruu warreegamuu obboleeyyan isaa Elemoo fi Hundee argees, "Erga isaan darbanii anis abadan loleen falmee dhiiga isaanii bil...